15/11/2023
👉 Ba'aa keessa bu'aatu jira! Wantonni gufuu nutti fakkaanii isaan dheessinu baay'een, anniisaa deemsa keenya fuulduraa nuuf ta'uu malu. Wanta anniisaa namaaf ta'ummoo, baqachuu osoo hintaane baachuutu nama baasa. Baachuu keessa dadhabuun ni jira; garuu dadhabbiin sun, gonfoo dadhabuun keenya nuuf qopheessuun yoo wal bira qabamu, ofumaati. Eeyyeen, baachuu keessa nyaachuutu jira; ba'aa keessaas bu'aa hedduutu argama. Waan kamuus badhaasa mataa isaa niqabaata. Gatii har'aa baafnu keessaan badhaasa keenya boruuf haalatu mijata. Ifaaja keenya ammaa keessaanis fuuldura keenya mil'anna. Dhugaadha! Biqiltuu har'a dhaabuuf dadhabnu bor gaaddisa yeroo dadhabbii nuuf ta'u. Yoo kun hinjirres sun hinjiru,....hindagatiin!
👉Gufuun har'a irra darbamu borus achuma! Rakkoon har'a hinfuramne rakkooma ta'ee tura. Dhagaa sana karaa irraa kaasuu dhabuu isaaniif waan dhaban qabaachuu qofaa miti, kan jarri sun miidhaman. Dhagaan isaan irraa goranii darban yoomuu isaaniif gufuudha. Hamma isaan hinkaafnetti achuma jira; yeroo bahanis ta'e galan achuma taa'ee isaan eega. Deemsa isaan dhorka, karaa itti dhiphisa, rukutees isaan miidhuu danda'a, dhagichi. Rakkoon har'a hinfuramne borus rakkoodha, yookaan bifa jijjiirratee dhufa. Kanaafuu, furmaanni hundeen bakkaa kaasuudha. Yoos rakkootu bakkaa ka'a,...nirakkatas! Akkas kunoo!
👉 Wanti nama hinmiine ittuu nama jabeessa! Nama dhagaa guddaa sana dhiibee kaasetti, ba'aan isaa duraa akka itti salphatu nama hinshakkisiisu. Gara fuulduraattis, leenjii jabaa ta'aafi. Hammam jabaa akka ta'es nihubachiisa. Meeshaalee suphee irraa hojjetaman yoo fudhanne, isaan osoo tajaajila hinkenniin dura ibiddaan siila'uu qabu. Yoo akkana hintaane, bishaan of keessatti qabachuu hindanda'ani. Kanaafuu, dursa ibiddaan siila'uu qabu. Argitee? Hamma hinballeessinetti gubuunuu furmaata. Meeshaaleen kunis, osoo hingubatiinirra yoo gubatan irra jabaatu. Jabinni dhala namaas leenjii garagaraa keessaani. Yaaduu, yaaluu, kufuu, ka'uu, baachuu, dadhabuu,.....! Kanaafuu, jabina keenya waan nu jabeessuu danda'u qofaa keessatti haa eeggannu!
👉Kaayyoof jecha gad jechuun ol jechuu fida! Namichi qofaa isaa dhagaa dhiibu sun, namoota biroo biratti akka maraatuutti ilaalamuu hinhafu. Baay'eenis dhaabatanii itti kolfu ta'a. Dhageettiin gurra isaafi agartuun ija isaa garuu, kaayyoo isaa qofaa irra ture. Gufuu of jalaa kaasuufi deemsa itti fufuudha, mul'anni isaa. Namootatti gowwaa fakkaatus inni kaayyoo isaaf gamna yeroo isaati. Nutis, kaayyoo keenyaaf gad jechuu haabarru. Kan kaayyoof gad-jedhetu, olkaafama!
Galatoomaa!🙏
dubbiftaniif galatoomaa!!!
and follow 👇
🛒 Arsi Gololcha 🔔
🔔